LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 12:7, 8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Innis Yihowaa duratti isa dhiheessee araara ishiidhaaf ni argamsiisa; ishiinis dhiiga ishii isa dhangalaʼu irraa ni qulqulloofti. Seerri dubartii ilma yookiin intala deesse ilaalchisee kenname kana dha. 8 Ishiin hoolaa dhiheessuu hin dandeessu yoo taʼe garuu, gugee bosonaa lama yookiin cuucii gugee lama,+ isa tokko aarsaa gubamuuf isa tokko immoo aarsaa cubbuutiif haa fiddu; lubichis araara ishiidhaaf ni argamsiisa; ishiinis qulqulluu taati.’”

  • Leewwota 14:21, 22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 “Haa taʼu malee, inni hiyyeessa taʼuu isaatiin kan kaʼe wanta barbaachisu hin qabu yoo taʼe, ofii isaatiif araara argamsiisuuf aarsaa cubbuutiif aarsaa sochoofamu godhee dhiheessuuf xobbaallaa hoolaa tokko haa fidu; aarsaa midhaaniitiif akka taʼuttis daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame eefaa* tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko, zayitii safartuu loogii tokko, 22 akkasumas gugee bosonaa lama yookiin cuucii gugee lama akka humna isaatti haa fidu. Inni tokko aarsaa cubbuutiif, inni kaan immoo aarsaa gubamuuf ni taʼa.+

  • Leewwota 15:13-15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 “‘Dhangalaʼaan sun yoo dhaabbatee fi namichis isa irraa yoo qulqullaaʼe, inni qulqulluu taʼuuf guyyaa torba ni lakkaaʼa; achiis uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaan burqaatti dhiqachuu qaba; innis qulqulluu ni taʼa.+ 14 Guyyaa saddeettaffaattis gugee bosonaa lama yookiin cuucii gugee lama+ fidee balbala dunkaana walgaʼii irratti Yihowaa duratti dhihaatee lubichatti isaan haa kennu. 15 Lubichis isa tokko aarsaa cubbuu, isa kan biraa immoo aarsaa gubamu godhee dhiheessa; achiis lubichi sababii dhangalaʼaa isaatiif namichaaf Yihowaa duratti araara ni argamsiisa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi