LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 29:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Achiis cooma+ marʼimaan uwwise hundumaa, cooma tiruu irra jiru, akkasumas kaleewwan lamaanii fi cooma isaan irra jiru fuudhiitii iddoo aarsaa irratti akka aaraniif isaan gubi.+

  • Leewwota 7:23-25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Isin cooma qotiyyoo yookiin cooma xobbaallaa hoolaa yookiin cooma reʼee kam iyyuu hin nyaatinaa.+ 24 Coomni horii duʼee argamee yookiin coomni horii horii biraan ajjeesee kaayyoo kan biraa kamiif iyyuu ooluu ni dandaʼa; haa taʼu malee, isin matumaa isa hin nyaatinaa.+ 25 Namni cooma horii isa aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu godhee dhiheesse sanaa nyaatu kam iyyuu saba isaa gidduudhaa haa balleeffamu.*

  • 1 Mootota 8:64
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 64 Iddoon aarsaa sibiila diimaa+ inni Yihowaa dura jiru xinnoo taʼuu isaatiin kan kaʼe aarsaawwan gubaman, aarsaawwan midhaanii fi cooma aarsaawwan gamtaa sana qabachuu waan hin dandeenyeef, guyyaa sanatti mootichi aarsaawwan gubaman, aarsaawwan midhaanii fi cooma+ aarsaawwan gamtaa sana achitti dhiheessuuf, gidduu mooraa isa mana Yihowaa dura jiru ni qulqulleesse.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi