-
Leewwota 3:16, 17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Lubichis nyaata,* jechuunis aarsaa urgaan isaa gammachiisuu* fi ibiddaan dhihaatu godhee iddoo aarsaa irratti isa ni aarsa. Coomni hundi kan Yihowaa ti.+
17 “‘Iddoowwan jiraattan hundumaatti, kun guutummaa dhaloota keessaniitiif dambii dhaabbataa taʼe dha: Cooma kam iyyuu yookiin dhiiga kam iyyuu matumaa hin nyaatinaa.’”+
-
-
Leewwota 4:8-10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 “‘Achiis cooma jibicha aarsaa cubbuutiif dhihaate sanaa hundumaa, jechuunis cooma marʼimaan uwwisee fi cooma marʼimaanitti marsee jiru, 9 akkasumas kaleewwan lamaanii fi cooma isaan irra jiru, jechuunis cooma mudhii bira jiru ni baasa. Kana malees cooma tiruu irra jiru kaleewwan isaa wajjin ni baasa.+ 10 Wantoonni jibicha kana irraa baafaman, wantoota qotiyyoo aarsaa gamtaa+ irraa baafamanii wajjin tokko dha. Lubichis wantoota kana iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu irratti aarsa.
-
-
1 Saamuʼel 2:16, 17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Yommuu namichi, “Dura cooma isaa haa guban;+ sana booda isa barbaadde* fudhachuu dandeessa” isaan jedhu, inni immoo “Lakki, ammuma naa kenni; taʼuu baannaan humnaanan si irraa fudhadha!” isaan jedha ture. 17 Namoonni sun aarsaa Yihowaadhaaf dhihaatu waan tuffataniif, cubbuun tajaajiltoota sanaa Yihowaa duratti baayʼee guddaa taʼe.+
-