-
Leewwota 7:1-4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 “‘Seerri aarsaa yakkaa+ kana dha: Inni hundumaa caalaa qulqulluu dha. 2 Isaan idduma horii aarsaa gubamuu itti qalanitti, horii aarsaa yakkaa sana ni qalu; dhiigni+ isaas cinaa iddoo aarsaa sanaa hundumaa irratti haa facaafamu.+ 3 Inni duboo isaa fi cooma marʼimaan uwwise dabalatee cooma isaa hundumaa,+ 4 akkasumas kaleewwan lamaanii fi cooma isaan irra jiru, jechuunis cooma mudhii bira jiru ni dhiheessa. Kana malees cooma tiruu irra jiru kaleewwan isaa wajjin ni baasa.+
-