-
Leewwota 3:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Inni cooma aarsaa gamtaa kana aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu godhee ni dhiheessa.+ Duboo isa lafee dugdaa bira jiru hundumaa, cooma marʼimaan uwwise, cooma marʼimaanitti marsee jiru hundumaa,
-
-
Leewwota 4:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 “‘Achiis cooma jibicha aarsaa cubbuutiif dhihaate sanaa hundumaa, jechuunis cooma marʼimaan uwwisee fi cooma marʼimaanitti marsee jiru, 9 akkasumas kaleewwan lamaanii fi cooma isaan irra jiru, jechuunis cooma mudhii bira jiru ni baasa. Kana malees cooma tiruu irra jiru kaleewwan isaa wajjin ni baasa.+
-
-
Leewwota 8:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Korbeessa hoolaa aarsaa gubamuuf dhihaatu sanas ni fide; Aaronii fi ilmaan isaas harka isaanii mataa korbeessa sanaa irra ni kaaʼan.+
-
-
Leewwota 8:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Museen korbeessa hoolaa sana buusaa buusaa isaatti kukkutee mataan isaa, buusaawwan isaa fi moorri isaa* akka aaru godhe.
-