10 Dhiirri tokko halkan keessa dhangalaʼaa qaama isaa keessaa yaaʼuun yoo xuraaʼe,+ inni buufaticha keessaa gad haa baʼu; deebiʼees gara buufatichaatti hin seenin. 11 Yommuu galgalaaʼus bishaaniin haa dhiqatu; achiis yommuu aduun lixxu gara buufatichaatti deebiʼuu dandaʼa.+