-
Ibroota 9:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Dhiigni reʼootaa fi dhiigni jibootaa,+ akkasumas daaraan goromsaa warra xuraaʼan irratti facaafamu foon ni qulqulleessa erga taʼee,+ 14 dhiigni Kiristoos+ isa hafuura bara baraatiin mudaa malee ofii isaa Waaqayyoof dhiheesse sanaa, Waaqa jiraataadhaaf tajaajila qulqulluu dhiheessuu akka dandeenyuuf+ qalbii keenya hojiiwwan duʼan irraa caalaatti hin qulqulleessuu ree?+
-
-
Ibroota 10:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Utuu kun taʼuu baatee, namoonni tajaajila qulqulluu dhiheessan sun takkaa erga qulqullaaʼanii booda cubbamoota akka taʼan waan isaanitti hin dhagaʼamneef, aarsaawwan sun dhihaachuun isaanii hin hafu turee?
-