-
Leewwota 18:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Isin akka isaan biyya Gibxii isa isin keessa jiraachaa turtan keessatti raawwatan sanaatti hin raawwatinaa; akkasumas isin wanta isaan biyya Kanaʼaan isa ani itti isin galchu keessatti raawwatan sana hin raawwatinaa.+ Akka dambiiwwan isaaniittis hin deddeebiʼinaa.
-
-
Leewwota 18:24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 “‘Saboonni warri ani isin duraa ariʼu sun wantoota kana hundumaatiin waan of xureessaniif, isin wantoota kana keessaa isa tokkoon illee of hin xureessinaa.+
-
-
Keessa Deebii 12:30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 isaan si duraa haxaaʼamanii erga balleeffamanii booda kiyyoo keessa akka hin galle of eeggadhu. ‘Saboonni kun waaqolii isaanii tajaajiluu barsiifata kan godhatan akkamitti? Anis akkanuma nan godha’ jettee waaʼee waaqolii isaanii hin gaafatin.+
-