-
Leewwota 25:29, 30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 “‘Namni tokko mana magaalaa dallaa dhagaa qabdu keessatti argamu yoo gurgure, yeroo gurgurtaan isaa itti xumuramu irraa jalqabee hamma dhuma waggichaatti mirgi inni deebisee bitachuuf qabu+ itti fufa; inni waggaa tokko keessatti deebisee bitachuuf mirga ni qabaata. 30 Manichi waggaan tokko guutuun xumuramuu isaa dura deebifamee yoo bitamuu baate garuu, manni magaalaa dallaa qabdu keessa jiru sun namicha bite sanaaf guutummaa dhaloota isaatiif dhaala dhaabbataa ni taʼa. Manichi waggaa Iyyobeeliyyuutti hin deebifamu.
-
-
Leewwota 27:24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Waggaa Iyyobeeliyyuuttis maasichi namicha inni irraa bitate sanaaf, jechuunis abbaa lafichaatiif ni deebiʼa.+
-