-
Leewwota 25:25-27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 “‘Obboleessi kee yoo hiyyoomee fi lafa isaa irraa muraasa isaa yoo gurgure, firri dhihoo isaa inni furu sun dhufee wanta obboleessi isaa gurgure deebisee haa bitu.+ 26 Namni tokko kan isa furu qabaachuu baatus, sooromee wanta ittiin deebisee bitatu yoo argate, 27 gatii midhaanii isa waggoota yeroo laficha itti gurgure booda jiranitti argame shallaguudhaan, gatii jalqaba ittiin gurgure sana irraa hirʼisee nama itti gurgure sanaaf haa kaffalu. Achiis lafa isaatti deebiʼuu dandaʼa.+
-