-
Leewwota 25:4, 5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Waggaa torbaffaan garuu biyyattiidhaaf sanbata guutummaatti itti boqotamu, jechuunis sanbata Yihowaa haa taʼu. Maasii kee irratti sanyii hin facaasin yookiin muka wayinii kee hin gondolin. 5 Wanta midhaan sassaabame irraa hafee ofii isaatiin biqile hin haamin; wayinii muka wayinii hin gondolamne irra jirus hin sassaabin. Lafattiin waggaa guutummaatti itti boqottu haa qabaattu.
-