-
Luqaas 12:22-28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Achiis barattoota isaatiin akkana jedhe: “Kanaafuu, ani isinitti nan hima, waaʼee jireenya* keessanii ‘Maal nyaanna?’ yookiin waaʼee dhaqna keessanii ‘Maal uffanna?’ jettanii yaaddaʼuu keessan dhiisaa.+ 23 Sababiin isaas, jireenyi* nyaata caalaa, dhaqnis uffata caalaa gatii guddaa qaba. 24 Mee arraagessota ilaalaa: Isaan sanyii hin facaasan, hin haamanis; gootaraa yookiin mana kuusaa hin qaban; garuu Waaqayyo isaan ni soora.+ Maarree isin allaattiiwwan caalaa gatii guddaa hin qabdanii?+ 25 Isin keessaa namni yaaddaʼee umurii isaa irratti dhundhuma* tokko dabaluu dandaʼu jiraa? 26 Maarree isin waan xinnoo akkanaa illee gochuu erga hin dandeenyee, waaʼee wantoota kaanii maaliif yaaddoftu?+ 27 Abaaboowwan akkamitti akka guddatan ilaalaa: Isaan hin dhamaʼan, hin foʼanis; ani garuu isinitti nan hima, Solomoon illee ulfina sana hundumaa utuu qabuu, isaan keessaa hamma ishii tokkoo hin miidhagne.+ 28 Waaqayyo biqiltoota dirree keessaa warra harʼa mulʼatanii boru gara iddoo ibiddaatti darbataman akkanatti itti uwwisa erga taʼee, isin namoota amantii xinnoo qabdan nana, isinitti immoo kana caalaa hin uwwisuu ree?
-