-
Maatewos 6:25-30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 “Kanaafuu, ani isinitti nan hima, waaʼee jireenya* keessanii ‘Maal nyaanna?’ yookiin ‘Maal dhugna?’ yookiin waaʼee dhaqna keessanii ‘Maal uffanna?’+ jettanii yaaddaʼuu keessan dhiisaa.+ Jireenyi* nyaata irra, qaamnis uffata irra hin caaluu?+ 26 Simbirroota samii hubadhaa ilaalaa;+ isaan sanyii hin facaasan yookiin hin haaman yookiin gootaraatti hin galchan; taʼus Abbaan keessan inni samii isaan soora. Maarree isin isaan caalaa gatii guddaa hin qabdanii? 27 Isin keessaa namni yaaddaʼee umurii isaa irratti dhundhuma* tokko dabaluu dandaʼu jiraa?+ 28 Kana malees, wanta uffattaniif maaliif yaaddoftu? Abaaboowwan dirree keessaa akkamitti akka guddatan ilaalaatii irraa baradhaa; isaan hin dhamaʼan, hin foʼanis; 29 ani garuu isinitti nan hima, Solomoon+ illee ulfina sana hundumaa utuu qabuu, isaan keessaa hamma ishii tokkoo hin miidhagne. 30 Waaqayyo biqiltoota dirree keessaa warra harʼa mulʼatanii boru gara iddoo ibiddaatti gataman akkanatti itti uwwisa erga taʼee, isin namoota amantii xinnoo qabdan nana, isinitti immoo kana caalaa hin uwwisuu ree?
-