-
1 Mootota 10:4-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Mootuun Sheebaa ogummaa Solomoon+ qabu hunda, mana inni ijaare,+ 5 nyaata maaddii isaa irratti dhihaatu,+ akkaataa tajaajiltoonni isaa itti taaʼan, akkaataa keessummeessitoonni isaa maaddii irratti itti keessummeessanii fi akkaataa uffannaa isaanii, warra dhugaatii dhiheessan, akkasumas aarsaawwan gubaman warra inni yeroo hunda mana Yihowaa keessatti dhiheessu yommuu argitu wanta jettu wallaalte.* 6 Kanaafuu, mootichaan akkana jette: “Wantoota ati raawwattee* fi ogummaa kee ilaalchisee wanti ani biyya kootti dhagaʼe dhugaa dha. 7 Haa taʼu malee, hamman dhufee ija kootiin argutti oduu kana hin amannen ture. Kunoo, walakkaan isaa illee natti hin himamne. Ati ogummaa fi badhaadhina isa ani dhagaʼe irra baayʼee caalu qabda.
-