-
2 Seenaa Baraa 9:3-8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Mootuun Sheebaa ogummaa Solomoon qabu,+ mana inni ijaare,+ 4 nyaata maaddii isaa irratti dhihaatu,+ akkaataa tajaajiltoonni isaa itti taaʼan, akkaataa keessummeessitoonni isaa maaddii irratti itti keessummeessanii fi akkaataa uffannaa isaanii, warra dhugaatii dhiheessanii fi akkaataa uffannaa isaanii, akkasumas aarsaawwan gubaman warra inni yeroo hunda mana Yihowaa keessatti dhiheessu+ yommuu argitu wanta jettu wallaalte.* 5 Kanaafuu, mootichaan akkana jette: “Wantoota ati raawwattee* fi ogummaa kee ilaalchisee wanti ani biyya kootti dhagaʼe dhugaa dha. 6 Haa taʼu malee, hamman dhufee ija kootiin argutti oduu kana hin amannen ture.+ Kunoo, ogummaa kee isa guddaa keessaa walakkaan isaa illee natti hin himamne.+ Ati oduu ani dhagaʼe irra baayʼee ni caalta.+ 7 Namoonni kee gammadoo dha; tajaajiltoonni kee warri yeroo hunda si dura dhaabbatanii ogummaa kee dhaggeeffatanis gammadoo dha! 8 Waaqni kee Yihowaan, inni sitti gammadee Waaqa kee Yihowaadhaaf mootii godhee teessoo isaa irra si kaaʼe haa jajamu. Waaqni kee Israaʼeliin waan jaallatee+ fi ishiin bara baraaf akka jiraattu gochuu waan barbaadeef, ati haqaa fi qajeelummaadhaan akka bulchituuf mootii godhee ishii irratti si muudeera.”
-