-
1 Mootota 4:34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
34 Mootota guutummaa lafaa warra waaʼee ogummaa isaa dhagaʼan dabalatee, namoonni saba hundumaa keessa jiran ogummaa Solomoon dhagaʼuuf gara isaa ni dhufu turan.+
-
-
2 Seenaa Baraa 1:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Achiis Waaqayyo Solomooniin akkana jedhe: “Hawwiin garaa keetii kana waan taʼeef, akkasumas ati qabeenya, sooruma, ulfina yookiin duʼa* namoota si jibbanii yookiin umurii dheeraa* gaafachuu mannaa ogummaa fi beekumsa saba ani mootii irratti si godheef murtii dabarsuuf si barbaachisu waan gaafatteef,+ 12 ogummaanii fi beekumsi siif ni kennama; haa taʼu malee, ani qabeenya, soorumaa fi ulfina si dura mootiin kam iyyuu hin qabnee fi si boodas eenyu iyyuu hin arganne siifan kenna.”+
-