-
1 Mootota 3:10-13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Solomoon kana gaafachuun isaa Yihowaa ni gammachiise.+ 11 Achiis Waaqayyo akkana isaan jedhe: “Ati kana waan gaafattee fi ofii keetiif umurii dheeraa* yookiin sooruma yookiin duʼa* diinota keetii waan hin gaafanneef, kanaa mannaa, dhimma murtii irratti hubannaa murtii sirrii dabarsuuf* si barbaachisu waan gaafatteef,+ 12 wanta ati gaafatte siifan godha.+ Ani garaa ogeessaa fi hubataa si dura namni kam iyyuu hin qabnee fi si boodas eenyu iyyuu hin arganne+ siifan kenna.+ 13 Kana malees, bara jireenyaa keetti* mootiin akka keetii kan biraan akka hin jiraanneef,+ soorumaa fi ulfina+ isa ati na hin gaafanne siifan kenna.+
-