-
1 Seenaa Baraa 29:23-25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Solomoonis bakka abbaa isaa Daawit mootii taʼee teessoo Yihowaa irra taaʼe;+ milkaaʼinas ni argate; Israaʼelonni hundis isaaf ni ajajamu turan. 24 Bulchitoonnii+ fi loltoonni jajjaboon hundi,+ akkasumas ilmaan Daawit+ Mootichaa hundi Solomoon Mootichaaf ni bitaman. 25 Yihowaanis guutummaa Israaʼel duratti Solomooniin baayʼee guddaa godhe; ulfina mootii mootiin Israaʼel sana dura ture kam iyyuu argatee hin beeknes isaaf ni kenne.+
-