LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 10:4-9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Mootuun Sheebaa ogummaa Solomoon+ qabu hunda, mana inni ijaare,+ 5 nyaata maaddii isaa irratti dhihaatu,+ akkaataa tajaajiltoonni isaa itti taaʼan, akkaataa keessummeessitoonni isaa maaddii irratti itti keessummeessanii fi akkaataa uffannaa isaanii, warra dhugaatii dhiheessan, akkasumas aarsaawwan gubaman warra inni yeroo hunda mana Yihowaa keessatti dhiheessu yommuu argitu wanta jettu wallaalte.* 6 Kanaafuu, mootichaan akkana jette: “Wantoota ati raawwattee* fi ogummaa kee ilaalchisee wanti ani biyya kootti dhagaʼe dhugaa dha. 7 Haa taʼu malee, hamman dhufee ija kootiin argutti oduu kana hin amannen ture. Kunoo, walakkaan isaa illee natti hin himamne. Ati ogummaa fi badhaadhina isa ani dhagaʼe irra baayʼee caalu qabda. 8 Namoonni kee gammadoo dha; tajaajiltoonni kee warri yeroo hunda si dura dhaabbatanii ogummaa kee dhaggeeffatanis gammadoo dha!+ 9 Waaqni kee Yihowaan inni sitti gammadee teessoo Israaʼel irra si kaaʼe haa jajamu.+ Yihowaan jaalala bara baraatiin Israaʼeliin waan jaallateef, ati haqaa fi qajeelummaadhaan akka bulchituuf mootii godhee si muudeera.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi