-
Leewwota 1:15-17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Lubichis iddoo aarsaa biratti gugee sana dhiheessee morma isaa irraa hamma tokko erga kutee booda iddoo aarsaa irratti ni aarsa; dhiigni isaa garuu iddoo aarsaa sana cinaatti dhangalaʼuu qaba. 16 Innis qalqalloo midhaanii isaa keessaa baasee, baallee isaas irraa ciree iddoo aarsaa biratti kallattii bahaatiin, bakka daaraan* itti gad naqamutti haa gatu.+ 17 Inni bakka lamatti utuu addaan hin baasin qoochoowwan* isaa biratti isa ni tarsaasa. Achiis lubichi qoraan isa iddoo aarsaa irratti bobaʼu irratti isa ni aarsa. Kunis aarsaa gubamu, jechuunis aarsaa ibiddaan dhihaatu isa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* dha.
-