-
Lakkoofsa 25:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Ilma Aaron lubichaa, ilma Eleʼazaar kan taʼe Finahaas+ kana yommuu argu, yeruma sana yaaʼii sana gidduudhaa kaʼee eeboo tokko ni fudhate. 8 Achiis namicha Israaʼel sana duukaa buʼee gara dunkaanichaatti seenuudhaan lamaan isaanii iyyuu ni waraane; namicha Israaʼel sana ni waraane; dubartittiis waraanee garaa* ishii keessa baase. Yeroo kanatti dhaʼichi Israaʼelota rukutaa ture sun ni dhaabbate.+
-