-
Lakkoofsa 13:31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Namoonni isaa wajjin ol baʼanii turan sun garuu, “Isaan nu caalaa ciccimoo waan taʼaniif, ol baanee namoota sana waraanuu hin dandeenyu” jedhan.+
-
-
Iyyaasuu 14:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe biyyattii+ akkan basaasuuf yommuu Qaadesh Barneʼaadhaa na ergetti umuriin koo waggaa 40 ture; anis gabaasa sirrii taʼe* fidee dhufeera.+ 8 Obboloonni koo warri anaa wajjin ol baʼanii turan sabicha kan sossodaachisan* taʼus, ani garaa koo guutuudhaan* Waaqa koo Yihowaa duukaa buʼeera.+
-