2 “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Magaalota itti baqatan+ warran waaʼee isaanii karaa Musee dubbadhe ofii keessaniif filadhaa; 3 namni utuu itti hin yaadin yookiin akka tasaa nama ajjeese achitti ni baqata. Isaanis bakka nama haaloo baʼu+ jalaa itti baqattan isiniif ni taʼu.