-
Baʼuu 26:32Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
32 Isas utubaawwan muka laaftoo warqii uwwifaman afur irratti fannista. Hookkoowwan isaanii warqii irraa haa tolfaman. Utubaawwan sun miiloowwan uraa qabanii fi meetii irraa tolfaman afur irra haa dhaabaman.
-
-
Baʼuu 26:37Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
37 Golgaa kanaafis muka laaftoo irraa utubaawwan shan tolchitee warqiidhaan ni uwwista. Hookkoowwan isaanii warqii irraa ni tolfamu; sibiila diimaa baqsitees miiloowwan uraa qaban shan isaaniif ni tolchita.
-
-
Baʼuu 36:37, 38Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
37 Sana booda foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame walitti dhaʼuudhaan balbala dunkaanichaatiif golgaa tokko ni hojjete;+ 38 akkasumas utubaawwan isaa shananii fi hookkoowwan isaanii ni hojjete. Gubbaa isaanii fi wal qabsiistuuwwan* isaanii warqiidhaan ni uwwise; miiloowwan isaanii warri uraa qaban garuu sibiila diimaa irraa kan tolfaman turan.
-