-
Leewwota 13:45, 46Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
45 Namichi dhukkuba nadaayiitiin qabame, uffanni isaa kan tatarsaʼe haa taʼu; mataan isaas utuu hin filamin haa taaʼu; innis afaan isaa* haguuggatee, ‘Ani xuraaʼaa dha, ani xuraaʼaa dha!’ jedhee haa iyyu. 46 Bara dhukkuba sanaan qabamee jiru hundumaatti xuraaʼaa ni taʼa. Inni xuraaʼaa waan taʼeef, namoota irraa adda baʼee jiraachuu qaba. Bakki jireenyaa isaas buufatichaa ala ni taʼa.+
-