LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 5:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 “Nama dhukkuba nadaayiitiin qabame,+ nama dhangalaʼaan qaama isaa keessaa yaaʼuu+ fi nama reeffaan* xuraaʼe kam iyyuu buufaticha keessaa akka baasan Israaʼelota ajaji.+

  • Lakkoofsa 12:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Yihowaanis deebisee Museedhaan akkana jedhe: “Abbaan ishii fuula ishii irratti utuu tufee, ishiin akkuma salphattetti guyyaa torbaaf ni turti mitii? Ammas ishiin guyyaa torbaaf namoota irraa adda baafamtee buufatichaa ala haa turtu;+ sana booda gara buufatichaatti deebifamuu dandeessi.”

  • 2 Mootota 7:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Namoonni dhukkuba nadaayiitiin qabaman afur karra magaalattii dura jiru turan;+ isaanis akkana waliin jedhan: “As teenyee maaliif duʼa keenya eegganna?

  • 2 Seenaa Baraa 26:20, 21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Azaariyaan inni dura buʼaa lubootaa taʼee fi luboonni hundi gara isaatti yommuu garagalan, addi isaa dhukkuba nadaayiitiin rukutamee argan! Kanaafuu, isaan hatattamaan achi keessaa gad isa baasan; Yihowaan waan isa rukuteef innis ariifatee gad baʼe.

      21 Ooziyaan Mootichi hamma guyyaa duʼa isaatti dhukkuba nadaayiitiin qabamee jiraate; inni dhukkuba nadaayiitiin qabamee mana adda baafame tokko keessa kophaa isaa jiraate;+ mana Yihowaa keessa akka hin seennes dhorkamee ture. Ilmi isaa Yootaam mana mootichaa irratti itti gaafatamaa taʼee namoota biyyattiitiif murtii kenna ture.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi