LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 13:45, 46
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 45 Namichi dhukkuba nadaayiitiin qabame, uffanni isaa kan tatarsaʼe haa taʼu; mataan isaas utuu hin filamin haa taaʼu; innis afaan isaa* haguuggatee, ‘Ani xuraaʼaa dha, ani xuraaʼaa dha!’ jedhee haa iyyu. 46 Bara dhukkuba sanaan qabamee jiru hundumaatti xuraaʼaa ni taʼa. Inni xuraaʼaa waan taʼeef, namoota irraa adda baʼee jiraachuu qaba. Bakki jireenyaa isaas buufatichaa ala ni taʼa.+

  • Lakkoofsa 5:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 “Nama dhukkuba nadaayiitiin qabame,+ nama dhangalaʼaan qaama isaa keessaa yaaʼuu+ fi nama reeffaan* xuraaʼe kam iyyuu buufaticha keessaa akka baasan Israaʼelota ajaji.+

  • Lakkoofsa 12:14, 15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Yihowaanis deebisee Museedhaan akkana jedhe: “Abbaan ishii fuula ishii irratti utuu tufee, ishiin akkuma salphattetti guyyaa torbaaf ni turti mitii? Ammas ishiin guyyaa torbaaf namoota irraa adda baafamtee buufatichaa ala haa turtu;+ sana booda gara buufatichaatti deebifamuu dandeessi.” 15 Kanaafuu, Miiriyaam guyyaa torbaaf namoota irraa addaan baafamtee buufatichaa ala ni turte;+ sabichis hamma Miiriyaam deebifamtutti dunkaana isaa buqqisee hin deemne.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi