LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Abbootii Murtii 13:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Kunoo, ati ni ulfoofta, ilmas ni deessa; mucichi yeroo itti dhalatuu jalqabee* Waaqayyoof Naazricha waan taʼuuf, haadduun mataa isaa tuquu hin qabu;+ inni harka Filisxeemotaa jalaa Israaʼeliin oolchuu irratti dursa ni fudhata.”+

  • Abbootii Murtii 16:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Kanaan kan kaʼes dhuma irratti, “Yeroon itti dhaladhee jalqabee* Naazricha Waaqayyoo waanan taʼeef,+ matumaa haadduun mataa koo tuqee hin beeku. Yoon rifeensa mataa koo haaddadhe, humni koo na irraa bada, dadhabaa nan taʼa, akkuma namoota kaaniis nan taʼa” jedhee wanta garaa isaa keessa jiru hundumaa ishiitti hime.

  • 1 Saamuʼel 1:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Akkana jettees ni wareegde:* “Yaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa, dhiphina ana tajaajiltuu teetii ilaaltee yoo na yaadatte, tajaajiltuu tee utuu hin irraanfatinis mucaa dhiiraa yoo ishiidhaaf kennite,+ yaa Yihowaa ani immoo bara jireenyaa isaa guutuu isa siif nan kenna; haadduunis mataa isaa hin tuqu.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi