-
Lakkoofsa 3:30, 31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 Ajajaan mana abbootii maatiiwwan Qehaatotaa Elizaafaan ilma Uuziʼel+ ture. 31 Itti gaafatamummaan isaanii Taaboticha,+ minjaalicha,+ baattuu ibsaa,+ iddoowwan aarsaa,+ miʼawwan+ iddoo qulqulluu keessatti tajaajiluuf oolanii fi golgicha+ kunuunsuu, akkasumas tajaajila wantoota kanaa wajjin wal qabatan hundumaa raawwachuu ture.+
-
-
Lakkoofsa 4:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Achiis miʼawwan tajaajilaa+ warra yeroo hundumaa iddoo qulqulluu keessatti ittiin tajaajilan hundumaa fudhatanii huccuu bifa cuquliisaatiin ni maru; achiis gogaa tahaash itti uwwisanii danqaraa ittiin baatan irra isaan kaaʼu.
-