-
Baʼuu 27:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 “Muka laaftoo irraa iddoo aarsaa dheerinni isaa dhundhuma* shan, dalgi isaas dhundhuma shan taʼe tokko ni ijaarta.+ Iddoon aarsaa kun rogni isaa arfanuu wal qixa haa taʼu; ol dheerinni isaas dhundhuma sadii haa taʼu.+ 2 Golee isaa arfan irratti gaanfota+ ni tolchita; gaanfonni sunis iddoo aarsaa sanaa wajjin qaama tokko taʼu; iddoo aarsaa sanas sibiila diimaadhaan ni uwwista.+
-
-
Baʼuu 30:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 “Muka laaftoo+ irraa iddoo aarsaa ixaanni itti aarfamu tokko ni tolchita.+ 2 Innis dheerinni isaa dhundhuma* tokko, dalgi isaa dhundhuma tokko, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma lama taʼee rogni isaa arfan wal qixa haa taʼu. Gaanfonni isaa isaa wajjin tokko taʼanii haa tolfaman.+ 3 Gubbaa isaa, cinaa isaa hundumaa fi gaanfota isaa warqii qulqulluudhaan ni uwwista; qarqara isaatti naannessitees ittisa* warqii ni tolchita.
-