-
Lakkoofsa 11:4, 5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Achiis uummanni walitti makamee*+ fi isaan gidduu ture sun fedhii ofittummaa qabu ni ibse;+ Israaʼelonnis akkana jedhanii booʼuu jalqaban: “Foon nyaannu eenyutu nuuf kenna?+ 5 Qurxummiin biyya Gibxii keessatti gatii utuu hin kaffalin nyaachaa turre sun, akkasumas buqqeen dheedhii nyaatamu, habaabiin, qullubbii baaroon, qullubbii diimaanii fi qullubbii adiin sun ija keenya dura deema!+
-