-
Keessa Deebii 9:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 “Yaa Israaʼel dhagaʼi, ati harʼa Yordaanosiin ceetee+ seenuudhaan biyya saboota si caalaa guguddoo fi ciccimoo taʼan,+ magaalota guguddoo dallaawwan dhagaa samii bira gaʼan qaban,+ 2 warra namoota guguddoo fi dhedheeroo taʼan, jechuunis ilmaan Anaaqiim+ warra ati waaʼee isaanii beektuu fi ‘Eenyutu ilmaan Anaaqiim dura dhaabbachuu dandaʼa?’ yeroo jedhamu dhageesse sana qaban ni fudhatta.
-
-
Iyyaasuu 11:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Yeroo sanatti Iyyaasuun, naannoo gaarotaa irraa, jechuunis Kebroon irraa, Deebir irraa, Anaab irraa, guutummaa naannoo gaarotaa Yihudaa irraa, akkasumas guutummaa naannoo gaarotaa Israaʼel irraa Anaaqiimiin+ haxaaʼee ni balleesse. Iyyaasuun isaaniinis taʼe magaalota isaanii guutummaatti ni balleesse.+
-