20 Kan duʼu lubbuu cubbuu hojjete sana dha.+ Ilmi balleessaa abbaa isaatiin kan kaʼe yakkamaa hin taʼu; abbaanis balleessaa ilma isaatiin kan kaʼe yakkamaa hin taʼu. Qajeelummaan nama qajeelaa isumaaf qofa lakkaaʼama; hamminni nama hamaas isuma irratti qofa lakkaaʼama.+