-
Baʼuu 28:38Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
38 Inni adda Aaron irra ni taʼa; yommuu namni tokko wantoota qulqulluu, jechuunis wantoota Israaʼelonni akka kennaawwan qulqulluutti yeroo fidanitti qulqulleessan sana irratti cubbuu raawwatu, Aaron itti gaafatamummaa isaa ni fudhata.+ Isaan Yihowaa duratti fudhatama akka argataniif, inni yeroo hunda adda isaa irra taaʼuu qaba.
-
-
Leewwota 22:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 “‘Isaan sababii kanaan cubbuu akka ofitti hin finnee fi isa xureessuu isaaniitiin akka hin duuneef, dirqama ani isaan irraa eegu haa raawwatan. Ani Yihowaa isa isaan qulqulleessu dha.
-