LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 28:38
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 38 Inni adda Aaron irra ni taʼa; yommuu namni tokko wantoota qulqulluu, jechuunis wantoota Israaʼelonni akka kennaawwan qulqulluutti yeroo fidanitti qulqulleessan sana irratti cubbuu raawwatu, Aaron itti gaafatamummaa isaa ni fudhata.+ Isaan Yihowaa duratti fudhatama akka argataniif, inni yeroo hunda adda isaa irra taaʼuu qaba.

  • Leewwota 22:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 “‘Isaan sababii kanaan cubbuu akka ofitti hin finnee fi isa xureessuu isaaniitiin akka hin duuneef, dirqama ani isaan irraa eegu haa raawwatan. Ani Yihowaa isa isaan qulqulleessu dha.

  • Lakkoofsa 18:23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Leewwonni tajaajila dunkaana walgaʼiitti raawwatamu ni raawwatu; dogoggora sabichi raawwatuuf isaantu itti gaafatama.+ Isaan Israaʼelota gidduutti dhaala qabaachuu hin qaban;+ kun guutummaa dhaloota keessanii keessatti dambii dhaabbataa taʼe dha.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi