-
Baʼuu 29:27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Qoma aarsaa sochoofamu sanaa fi luka gaʼee qulqulluu warra sochoofaman, warra korbeessa hoolaa yeroo luboonni muudamanitti sirna geggeeffamu+ irratti Aaronii fi ilmaan isaatiif dhihaatu irraa fudhataman sana qulqulleessi.
-
-
Leewwota 7:34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
34 Ani aarsaawwan gamtaa isa Israaʼelonni dhiheessan irraa handaraafa horii aarsaa sochoofamu taʼee dhihaatee fi luka isa gaʼee qulqulluu taʼee dhihaate nan fudhadha; Israaʼelotaaf dambii dhaabbataa akka taʼuufis Aaron lubichaa fi ilmaan isaatiif nan kenna.+
-