-
Keessa Deebii 2:30-35Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 Sihoon mootiin Heshboon garuu akka darbinu nuuf hin heyyamne; sababiin isaas, akkuma amma taʼe harka keetti dabarsee isa kennuuf,+ inni* didaa akka taʼuu fi garaan isaa jabaataa akka taʼu Waaqni kee Yihowaan heyyamee ture.+
31 “Achiis Yihowaan, ‘Kunoo, ani ammuma iyyuu Sihoonii fi biyya isaa siif kennuu jalqabeera. Biyya isaa dhaalaan fudhachuu jalqabi’+ naan jedhe. 32 Sihoon guutummaa saba isaa wajjin Yaahaazitti nu loluuf yommuu baʼetti,+ 33 Waaqni keenya Yihowaan harka keenyatti dabarsee isa kenne; nutis isa, ilmaan isaa fi guutummaa saba isaa ni injifanne. 34 Yeroo sanatti magaalota isaa hundumaa ni qabanne; dhiirota, dubartootaa fi ijoollee dabalatee magaalaa hundumaa guutummaatti ni balleessine. Nama tokko illees lubbuudhaan hin hambisne.+ 35 Horiiwwan ofii keenyaaf saamnee fi wantoota magaalota qabanne sana keessaa boojine qofa fudhanne.
-
-
Abbootii Murtii 11:19, 20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 “‘Sana booda Israaʼelonni gara Sihoon mootii Amoorotaa isa Heshboon keessatti argamuutti ergamtoota ergan; Israaʼelonni, “Maaloo, gara biyya keenyaa dhaquuf biyya kee keessa akka darbinu nuuf heyyami”+ isaan jedhan. 20 Sihoon garuu Israaʼelota waan hin amanneef naannoo isaa keessa akka darban hin heyyamne; kanaafuu, namoota isaa hundumaa walitti qabatee Yaahaaz keessa buufatee Israaʼel irratti waraana bane.+
-