-
Lakkoofsa 22:16, 17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Isaanis gara Balaʼaam dhufanii akkana isaan jedhan: “Baalaaq ilmi Ziphoor akkana jedheera: ‘Maaloo, homtuu gara koo dhufuu akka si dhowwu hin heyyamin; 17 ani ulfina guddaa siifan kenna; wanta akkan godhu na gaafattu kam iyyuu nan godha. Kanaafuu, maaloo, kottuutii saba kana naaf abaari.’”
-
-
Lakkoofsa 24:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Yeroo kanatti Baalaaq akka malee Balaʼaamitti ni aare. Baalaaqis tuffiidhaan harka isaa walitti rukutee Balaʼaamiin akkana jedhe: “Ani kanan si waame diinota koo akka abaartuuf ture;+ ati garuu kunoo siʼa sadan kana isaan eebbiste malee wanta goote hin qabdu. 11 Amma dafii gara mana kee deemi. Ani ulfina guddaa siif kennuu yaadeen ture;+ garuu kunoo Yihowaan ulfina si dhowwate.”
-