-
Lakkoofsa 23:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Baalaaqis, “Maaloo, bakka isaaniin itti ilaaluu dandeessu kan biraa haa dhaqnu. Muraasa isaanii qofa argita malee, hunda isaanii hin argitu. Achi taʼiitii isaaniin naaf abaari”+ isaan jedhe. 14 Kanaafuu, inni gara dirree Zofiim isa fiixee Phisgaa irratti+ argamutti isa ni geesse; achiis iddoowwan aarsaa torba ijaaree tokkoon tokkoon iddoo aarsaa sanaa irratti qotiyyoo tokko tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko tokko dhiheesse.+
-
-
Lakkoofsa 23:28-30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Kanaafuu, Baalaaq Balaʼaamiin gara fiixee Pheʼor isa Yeshiimon* fuuldura jirutti geesse.+ 29 Achiis Balaʼaam Baalaaqiin, “Bakka kanatti iddoowwan aarsaa torba ijaari; achiis qotiyyoowwan torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba naaf qopheessi” jedhe.+ 30 Baalaaqis akkuma Bala’aam jedhe ni godhe; tokkoon tokkoon iddoo aarsaa sanaa irrattis qotiyyoo tokko tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko tokko ni dhiheesse.
-