-
Uumama 38:7-10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Ilma angafaa Yihudaa kan taʼe Eer garuu Yihowaa gaddisiisa ture; kanaafuu, Yihowaan isa ajjeese. 8 Kanaan kan kaʼes Yihudaan Onaaniin, “Haadha manaa obboleessa keetii wajjin saalqunnamtii raawwadhu; ishiis fuudhii wanta waarsaa irraa eegamu raawwadhuutii obboleessi kee sanyii akka qabaatu godhi” jedhe.+ 9 Onaan garuu sanyiin sun kan isaa akka taʼetti akka hin ilaalamne ni hubate.+ Kanaafuu, inni obboleessa isaatiif sanyii akka hin argamsiisnetti, yeroo ishii wajjin saalqunnamtii raawwatu sanyii isaa lafa irratti dhangalaasa ture.+ 10 Wanti inni raawwate Yihowaa duratti hamaa waan tureef, inni isas ni ajjeese.+
-