-
Isaayyaas 65:21, 22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Isaan manneen ni ijaaru, keessas ni jiraatu,+
Mukeetii wayinii ni dhaabu, firii isaaniis ni nyaatu.+
22 Mana isaan ijaaran keessa namni kan biraan hin jiraatu,
Muka wayinii isaan dhaabanis namoonni kan biroon hin nyaatan.
Sababiin isaas, umuriin saba kootii akkuma umurii mukaa ni taʼa,+
Warri ani filadhes hojii harka isaaniitti guutummaatti ni gammadu.
-