- 
	                        
            
            Iyyaasuu 12:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
12 Mootonni biyyattii warri Israaʼelonni moʼan, warri Israaʼelonni biyya isaanii isa Yordaanos irraa kallattii bahaatiin argamu, Sulula* Arnoon+ irraa jalqabee hamma Gaara Hermoonitti,+ akkasumas guutummaa Arabaa isa gara bahaatiin argamu+ dhaalaan jalaa fudhatan sun kanneen kana dha: 2 Mootii Amoorotaa kan taʼe Sihoon+ isa Heshboon keessa jiraachaa turee fi Aroʼer+ ishii qarqara Sulula* Arnoonitti+ argamtu, walakkaa sululichaa fi walakkaa Giiliyaad irraa hamma Sulula* Yaaboq isa daangaa Amoonotaa taʼetti bulchaa ture.
 
 -