40 Kanaafuu, Museen Giiliyaadiin Maakiir isa ilma Minaasee taʼeef ni kenne; innis ishii keessa jiraachuu jalqabe.+ 41 Achiis Yaaʼir ilmi Minaasee isaan irratti duulee gandeen isaanii warra dunkaanaan ijaaraman ni qabate; maqaa isaaniis Hawoot Yaaʼir jedhee moggaase.+