24 Raayyaan waraanaa Sooriyaa inni weerartuu taʼe namoota muraasa kan qabu taʼus, sabichi Yihowaa isa Waaqa abbootii isaanii taʼe waan dhiisaniif, Yihowaan raayyaa waraanaa guddaa harka isaaniitti dabarsee kenne;+ kanaafuu, isaan murtii Yoʼaas irratti dabarfame ni raawwachiisan.