LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Iyyaasuu 1:14, 15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Haadhotiin manaa keessan, ijoolleen keessanii fi horiiwwan keessan biyya Museen Yordaanos irraa gamanatti*+ isiniif kenne keessa ni jiraatu; loltoonni keessan warri jajjaboon hundi+ garuu waraanaaf tarree galanii obboloota keessan dura gamatti haa ceʼan.+ Isinis isaan gargaaruu qabdu; 15 akkuma inni boqonnaa isiniif kennetti, hamma Yihowaan obboloota keessaniif boqonnaa kennutti isaan gargaaraa; isaanis biyya Waaqni keessan Yihowaan isaaniif kennu dhaalaan ni fudhatu. Achiis gara biyya qabattanii dhaalaan akka fudhattan isiniif kennametti, jechuunis gara biyya Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe Yordaanos irraa kallattii bahaatiin isiniif kennetti deebiʼaa.’”+

  • Iyyaasuu 22:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Amma Waaqni keessan Yihowaan akkuma waadaa isaaniif galetti obboloota keessaniif boqonnaa kenneera.+ Kanaafuu, amma gara dunkaanota keessan warra biyya Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe akka dhaaltaniif Yordaanos gamatti* isiniif kenne keessa jiranitti deebiʼuu dandeessu.+

  • Iyyaasuu 22:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 “Qabeenya hedduu, horiiwwan hedduu, meetii fi warqii, sibiila diimaa fi sibiila, akkasumas uffata baayʼee hedduu taʼe fudhadhaatii gara dunkaanota keessaniitti deebiʼaa.+ Wanta diinota keessan irraa boojitan fudhadhaatii obboloota keessanii wajjin hiradhaa”+ isaaniin jedhe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi