-
Baʼuu 32:27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Yeroo kanatti inni, “Yihowaan Waaqni Israaʼel, ‘Tokkoon tokkoon namaa goraadee isaa haa hidhatu; achiis guutummaa buufatichaa keessa karra tokko irraa gara karra isa kaanii deemuudhaan obboleessa isaa, ollaa isaa fi michuu isaa haa ajjeesu’ jedheera” isaaniin jedhe.+
-
-
Leewwota 10:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Achiis Museen Aaroniin, akkasumas Eleʼazaarii fi Itaamaar warra ilmaan Aaron taʼan kaaniin akkana jedhe: “Isin akka hin duunee fi Waaqayyo guutummaa yaaʼichaatti akka hin dheekkamneef, mataa keessan filachuu hin dhiisinaa yookiin uffata keessan hin tarsaasinaa.+ Guutummaan mana Israaʼel warri obboloota keessan taʼan namoota Yihowaan ibiddaan ajjeese sanaaf ni booʼu. 7 Zayitiin dibataa Yihowaa isin irra waan jiruuf, isin balbala dunkaana walgaʼii irraa hin fagaatinaa; taʼuu baannaan garuu ni duutu.”+ Kanaafuu, isaan akkuma Museen jedhe ni godhan.
-