31 “Daangaan kee Galaana Diimaa irraa jalqabee hamma galaana Filisxeemotaatti, akkasumas lafa onaa sana irraa jalqabee hamma Lagichaatti* akka taʼu nan godha;+ jiraattota biyyattii harka keessanitti dabarsee nan kenna; atis of duraa isaan ni ariita.+
24 Iddoon miila keessaniin ejjettan hundi kan keessan ni taʼa.+ Lafa onaa sana irraa hamma Libaanonitti, Lagicha irraa, jechuunis laga Efraaxis irraa hamma galaana isa kallattii dhihaatiin argamuutti* daangaa keessan ni taʼa.+