LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 10:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Kanaafuu, daangaan Kanaʼaanotaa Siidoon irraa jalqabee hamma Geraar+ ishii Gaazaa+ biratti argamtuutti, hamma Sodoom, Gomoraa,+ Admaa fi Zeboʼiim+ warra Laashaa biratti argamaniitti gaʼa ture.

  • Keessa Deebii 4:38
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 38 Akkuma harʼa taʼe kana inni achitti si galchuu fi biyya isaanii dhaalaan siif kennuuf, saboota si caalaa guguddoo fi ciccimoo taʼan si duraa ariʼeera.+

  • Iyyaasuu 1:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Daangaan keessanis lafa onaa irraa jalqabee hamma Libaanonittii fi hamma laga isa guddaa Efraaxisitti, jechuunis guutummaa biyya Heetotaa,+ akkasumas hamma Galaana Guddaa* isa kallattii dhihaatiin* argamuutti ni taʼa.+

  • Iyyaasuu 14:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Lafti Israaʼelonni biyya Kanaʼaan keessatti dhaalaan fudhatan inni Eleʼazaar lubichi, Iyyaasuun ilmi Nuunii fi dura buutonni manneen abbootii gosoota Israaʼel akka dhaalaniif isaaniif kennan kana dha.+

  • Ermiyaas 3:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Anis, ‘Akkamitti ilmaan koo gidduu akkan si kaaʼe, biyya jaallatamtuu, dhaala saboota gidduutti* hundumaa caalaa bareedduu taate sanas akkamitti akkan siif kenne’+ nan yaade. Kana malees, ‘Abbaa koo!’ jettanii akka na waamtan, na duukaa buʼuus akka hin dhiisne yaadeen ture.

  • Hojii Ergamootaa 17:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Akkasumas, namoota saba hundumaa nama tokko irraa uumee+ guutummaa lafaa irra akka jiraatan godhe;+ baroota murteeffaman ni kaaʼe; bakka namoonni keessa jiraatanis ni daangesse;+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi