LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 15:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Guyyaa sanatti Yihowaan akkana jedhee Abraamii wajjin kakuu gale:+ “Ani laga Gibxiitii jalqabee hamma laga isa guddaatti, jechuunis hamma laga Efraaxisitti,+ biyya kana sanyii keetiif nan kenna;+

  • Baʼuu 23:31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 “Daangaan kee Galaana Diimaa irraa jalqabee hamma galaana Filisxeemotaatti, akkasumas lafa onaa sana irraa jalqabee hamma Lagichaatti* akka taʼu nan godha;+ jiraattota biyyattii harka keessanitti dabarsee nan kenna; atis of duraa isaan ni ariita.+

  • Lakkoofsa 34:2, 3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 “Israaʼelotaaf qajeelfama kana kenni: ‘Yommuu gara biyya Kanaʼaanitti seentan,+ biyyi Kanaʼaan inni daangaawwan isaa wajjin akka dhaalaatti isiniif kennamu kana dha.+

      3 “‘Daangaan keessan inni gara kibbaa qarqara Edoom qabatee lafa onaa Ziin irraa jalqabee kan jiru taʼa; daangaan keessan inni gara kibbaa karaa bahaatiin qarqara Galaana Soogiddaa* irraa jalqabee kan jiru taʼa.+

  • Keessa Deebii 1:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Ammas deebiʼaatii gara naannoo gaarotaa Amoorotaatti,+ achiis gara olloota isaanii warra Arabaa,+ naannoo gaarotaa, Shefelaa, Negeeb, qarqara galaanichaa,+ biyya Kanaʼaanotaa fi Libaanon*+ keessatti argaman hundumaatti hamma laga isa guddaatti, jechuunis hamma laga Efraaxisitti+ qajeelaa.

  • Iyyaasuu 15:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Biyyi gosa Yihudaatiif akka maatii maatii isaaniitti carraadhaan hihirame+ hamma daangaa Edoom,+ jechuunis lafa onaa Ziin, akkasumas hamma qarqara Negeeb karaa kibbaatiin argamuutti kan fagaatu dha.

  • Iyyaasuu 15:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Achiis gara Azmoonitti+ darbee hamma Laga Gogaa* Gibxiitti+ itti fufa; daangaan isaas Galaanicha* biratti dhaabbata. Karaa kibbaatiin daangaan isaanii kana dha.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi