-
Mulʼata 22:18, 19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 “Ani nama dubbii raajii maraa kitaabaa kana keessa jiru dhagaʼu hundumaatiif dhugaa nan baʼa: Namni kam iyyuu wantoota kana irratti yoo dabale,+ Waaqayyo dhaʼichawwan maraa kitaabaa kana keessatti barreeffaman+ isatti ni dabala; 19 namni kam iyyuu dubbii raajii maraa kitaabaa kana keessa jiru irraa wanta tokko illee yoo hirʼise, Waaqayyo mukeetii jireenyaa+ fi magaalaa qulqulluu+ maraa kitaabaa kana keessatti barreeffaman keessaa qooda isaa ni hirʼisa.
-