-
Nahimiyaa 9:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Atis gocha of tuulummaa+ isaan irratti raawwachuu isaanii beektee, Faraʼoon irratti, tajaajiltoota isaa hundumaa irrattii fi namoota biyya isaa hundumaa irratti mallattoowwanii fi dinqiiwwan raawwatteetta.+ Ofii keetiifis maqaa hamma harʼaatti beekamaa taʼe qabaatteetta.+ 11 Ati isaan galaanicha keessa lafa gogaa irra akka ceʼaniif,+ galaanicha isaan duratti gargar hirteetta; warra isaan ariʼaa turanis akkuma dhagaa galaana jeeqamaa keessatti gatameetti gara iddoo gad fagootti darbatteetta.+
-
-
Ermiyaas 32:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Ati biyya Gibxii keessatti mallattoowwanii fi dinqiiwwan hamma harʼaatti beekaman raawwatteetta; akka kanaan, akkuma harʼa taʼetti Israaʼel keessatti, ilmaan namootaa gidduuttis ofii keetiif maqaa beekamaa taʼe qabaatteetta.+
-